Ghali Apapur Apaghuna

Ayah by Ayah

Tags

Download Links

Ghali Apapur Apaghuna translation for Surah At-Talaq — Ayah 1

65:1
يَٰٓأَيُّهَا ٱلنَّبِيُّ إِذَا طَلَّقۡتُمُ ٱلنِّسَآءَ فَطَلِّقُوهُنَّ لِعِدَّتِهِنَّ وَأَحۡصُواْ ٱلۡعِدَّةَۖ وَٱتَّقُواْ ٱللَّهَ رَبَّكُمۡۖ لَا تُخۡرِجُوهُنَّ مِنۢ بُيُوتِهِنَّ وَلَا يَخۡرُجۡنَ إِلَّآ أَن يَأۡتِينَ بِفَٰحِشَةٖ مُّبَيِّنَةٖۚ وَتِلۡكَ حُدُودُ ٱللَّهِۚ وَمَن يَتَعَدَّ حُدُودَ ٱللَّهِ فَقَدۡ ظَلَمَ نَفۡسَهُۥۚ لَا تَدۡرِي لَعَلَّ ٱللَّهَ يُحۡدِثُ بَعۡدَ ذَٰلِكَ أَمۡرٗا ١
Yaa Nabiyyichaa! Yeroo dubartoota hiiktan, 'Iddaa' isaaniitiin isaan hiikaa Iddaas lakkaa'aa. Rabbii Gooftaa keessan sodaadhaa. manneen isaanii irraa isaan hin baasinaa isaanis hin ba'in, Yoo badii fokkataa ifa ta'een dhufan malee. Sun daangaawwan Rabbiiti. Namni daangaawwan Rabbii tare, dhugumatti inni lubbuu isaa miidheera. Yoo tasa Rabbiin san booda dhimma haara'a (walitti deebi'uu gidduu keessanitti) uume hin beektu.