Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Ayah by Ayah

Tags

Download Links

Oromo Translation - Rowwad Translation Center translation for Surah Al-Fath — Ayah 29

48:29
مُّحَمَّدٞ رَّسُولُ ٱللَّهِۚ وَٱلَّذِينَ مَعَهُۥٓ أَشِدَّآءُ عَلَى ٱلۡكُفَّارِ رُحَمَآءُ بَيۡنَهُمۡۖ تَرَىٰهُمۡ رُكَّعٗا سُجَّدٗا يَبۡتَغُونَ فَضۡلٗا مِّنَ ٱللَّهِ وَرِضۡوَٰنٗاۖ سِيمَاهُمۡ فِي وُجُوهِهِم مِّنۡ أَثَرِ ٱلسُّجُودِۚ ذَٰلِكَ مَثَلُهُمۡ فِي ٱلتَّوۡرَىٰةِۚ وَمَثَلُهُمۡ فِي ٱلۡإِنجِيلِ كَزَرۡعٍ أَخۡرَجَ شَطۡـَٔهُۥ فَـَٔازَرَهُۥ فَٱسۡتَغۡلَظَ فَٱسۡتَوَىٰ عَلَىٰ سُوقِهِۦ يُعۡجِبُ ٱلزُّرَّاعَ لِيَغِيظَ بِهِمُ ٱلۡكُفَّارَۗ وَعَدَ ٱللَّهُ ٱلَّذِينَ ءَامَنُواْ وَعَمِلُواْ ٱلصَّٰلِحَٰتِ مِنۡهُم مَّغۡفِرَةٗ وَأَجۡرًا عَظِيمَۢا ٢٩
Muhammad ergamaa Rabbiiti. Warri isaan wajjii kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoodha. rukuu’aafi sujuuda kangodhan argita Tolaafi jaalala Rabbii barbaadan. Mallattooleen isaanii fuulleen isaanii keessa jira, kan faanaa sujuudaa irraa ta’e. Sun fakkeenya isaanii kan Tawraat keessaati. Fakkeenyi isaanii kan Injiil keessa jiru immoo akka midhaan lakkuu isaa baasee isa jabeessee, furdatee, jirma isaa irratti dhaabbateeti. facaafattoota jaalachiise. (Wanni akkanatti isaan jabeessef) akka isaaniin kaafirtoota dallansiisuufi. Rabbiin isaan irraa warra amananii gaggaarii hojjatan araaramaafi mindaa guddaa waadaa isaaniif galee jira.1
Footnotes
  • [1] aayata kana keessatti sadarkaa nabiiyyiitiifii sahaabaa isaaniittu dubbatame. sahaabaan ummata filatamoo caalchifamoo faarfamoodha.

Changelog