Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Ayah by Ayah

Tags

Download Links

Oromo Translation - Rowwad Translation Center translation for Surah Al-Mujadila — Ayah 4

58:4
فَمَن لَّمۡ يَجِدۡ فَصِيَامُ شَهۡرَيۡنِ مُتَتَابِعَيۡنِ مِن قَبۡلِ أَن يَتَمَآسَّاۖ فَمَن لَّمۡ يَسۡتَطِعۡ فَإِطۡعَامُ سِتِّينَ مِسۡكِينٗاۚ ذَٰلِكَ لِتُؤۡمِنُواْ بِٱللَّهِ وَرَسُولِهِۦۚ وَتِلۡكَ حُدُودُ ٱللَّهِۗ وَلِلۡكَٰفِرِينَ عَذَابٌ أَلِيمٌ ٤
Namni (gabra bilisoomsu) hin argatin, odoo wal hin tuqin dura ji'oota walitti aanan lama soomuutu isaan irra jira. Namni (kana) hin danda'in, miskiinoota (hiyyeeyyii) jaahaatama nyaachisuu qaba. Kun akka Rabbiifi ergamaa Isaatti amantaniifi. isheen tun daangaalee Rabbiiti. Kaafirootaf adabbii laaleessaa ta'etu jira.1
Footnotes
  • [1]

    warri kakuu fokkataa kana kakatanii egasii jaartii isaaniitiin wajji ciisuu fedhan. osoo walhinqunnamin duratti

    1-gabra tokko bilisoomsuun dirqama.

    2-yoo gabra dhaban ji'a lama walitti dhaabanii kan addahinkutin soomanan,

    3-yoo soomana dadhabban hiyyeessa jahaatama nyaachisan kun hundinuu osoo qunnamtiif isiin walhintuuyne duratti taha. kana adabbiin isaanii.

Changelog