Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Ayah by Ayah

Tags

Download Links

Oromo Translation - Rowwad Translation Center translation for Surah At-Talaq — Ayah 2

65:2
فَإِذَا بَلَغۡنَ أَجَلَهُنَّ فَأَمۡسِكُوهُنَّ بِمَعۡرُوفٍ أَوۡ فَارِقُوهُنَّ بِمَعۡرُوفٖ وَأَشۡهِدُواْ ذَوَيۡ عَدۡلٖ مِّنكُمۡ وَأَقِيمُواْ ٱلشَّهَٰدَةَ لِلَّهِۚ ذَٰلِكُمۡ يُوعَظُ بِهِۦ مَن كَانَ يُؤۡمِنُ بِٱللَّهِ وَٱلۡيَوۡمِ ٱلۡأٓخِرِۚ وَمَن يَتَّقِ ٱللَّهَ يَجۡعَل لَّهُۥ مَخۡرَجٗا ٢
Yeroo beellama isaanii ga'an haala gaariin isaan qabadhaa yookiin haala gaariin isaaniin adda ba'aa, Isin irraa warra haqaa (nama) lama ragaa godhaa (Warri ragaa baatanus) Rabbiif jedhaatii ragaa sirreessaa. Namni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti kan amanu ta'e kanaan gorfama. Namni Rabbiin sodaatu (Rabbis) karaa bahiinsaa isaaf godha.1
Footnotes
  • [1] yeroo iddaan isii dhumutti dhihaate osoo hindhumne duratti haala gaariin deeffachuu dandaya. yoo deefachuu hinbarbaadiin itti dhiisee iddaan dhumuudhaan haala gaariin addabahuu dandayan. hiikkaafii deeffachurrattis nama haqaa lama ragaa baasan.

Changelog