Oromo Translation - Rowwad Translation Center

Ayah by Ayah

Tags

Download Links

Oromo Translation - Rowwad Translation Center translation for Surah Al-Mumtahanah — Ayah 4

60:4
قَدۡ كَانَتۡ لَكُمۡ أُسۡوَةٌ حَسَنَةٞ فِيٓ إِبۡرَٰهِيمَ وَٱلَّذِينَ مَعَهُۥٓ إِذۡ قَالُواْ لِقَوۡمِهِمۡ إِنَّا بُرَءَٰٓؤُاْ مِنكُمۡ وَمِمَّا تَعۡبُدُونَ مِن دُونِ ٱللَّهِ كَفَرۡنَا بِكُمۡ وَبَدَا بَيۡنَنَا وَبَيۡنَكُمُ ٱلۡعَدَٰوَةُ وَٱلۡبَغۡضَآءُ أَبَدًا حَتَّىٰ تُؤۡمِنُواْ بِٱللَّهِ وَحۡدَهُۥٓ إِلَّا قَوۡلَ إِبۡرَٰهِيمَ لِأَبِيهِ لَأَسۡتَغۡفِرَنَّ لَكَ وَمَآ أَمۡلِكُ لَكَ مِنَ ٱللَّهِ مِن شَيۡءٖۖ رَّبَّنَا عَلَيۡكَ تَوَكَّلۡنَا وَإِلَيۡكَ أَنَبۡنَا وَإِلَيۡكَ ٱلۡمَصِيرُ ٤
Dhugumatti, Ibraahimiifi warra isa wajjiin turan keessatti hidhannoon gaariin isiniif ta'eera. Yeroo (isaan) ummata isaaniitiin jedhan "nuti isiniifi waan isin Rabbiin malee gabbartan irraa qulqullaawoodha; isinitti kafarre; gidduu keenyaafi gidduu keessanitti diinummaafi jibbansi abadii ifa ba'eera hanga Rabbii tokkichatti amantanutti" (jedhan) (kana keessatti hidhannoon gaariin isiniif jira). Jecha Ibraahiim malee kan abbaa isaatiin "araaraman siif kadhaa (adabbii) Rabbii irraa immoo homaa siif hin fayyadu" "Gooftaa keenya! Sirratti hirkanne; gara Keetti deebine; deebiin garuma kee qofa" (jedhan san hordofaa).1
Footnotes
  • [1]

    tawhiidaan nabi ibraahiim hordofuu qabna, musrikaafii waan isaan isaan rabbii achitti gabbaran irraa qulqullaawuufii itti kafaruun jibbuufii itti diinomuun barbaachisaadha.

    nabi ibraahim abbaa isaatiif araarama kadhachuun hanga inni kufrirraa kan hindeebine adawwii Rabbii tahuu hinbeekin duratti.

Changelog